Back to Front Page


Share This Article!
Share
Ummata tokko, biyyoota lama

Ummata tokko, biyyoota lama

Abba-didu Bilisaa 07-15-18

Tibbana haariiroon Itiyoophiyaa fi Eritiraa giddu jiruu waggoota kurnan lama darban irraa bifa adda ta’e qabate jiraa. Miniteerri mummee Itiyoophiyaa Dr Abiy Ahimad torbaan darbe gara Eritiraatti imalanii daaww’anna godhanii turan. Ministeerri mummee Dr Abiy yammuu daaww’annaf Asmaraa gahan ummanni Asmaraa haala o’aan isaan simachuun isaa niyaadatamaa. Preezidaantiin Eritrea Obboo Isaayyaas Afawarqis Itiyoophiyaa daaw’achaa jiruu. Ummanni Finfinnee fi naannoo ishee, jiila mootummaa Eritiraa preezidaant Isaayyaasiin hoogganamuuf simannaa o’aa godhee jiraa. Simannaan o’aa seenaan argamee hinbeekne kun kan tasa bu’e miti; obbooleeyyuummaa cimaa ummata biyyoota lamaan waggoota kumaan lakaahaman keessa darbe irraa kan maddee dhaa.

Obboolummaan ummata Itiyoophiyaa fi Eritiira (Midrii Baahrii)  seenaa waggoota kumaan lakkaahaman qabaa. Ummanni biyyoota lamaan kun akk ummata lamatti hin’ilaalaman; tokko dhaa. Afaan walii qabu, adaa fi dudhaa walqodu, seenaa bal’aa walii qabu, dangaa dheeraa walqodu.

Eritiraan al lama Itiyoophiyaa irraa addan bahuun ishee nibeekamaa. Inni jalqabaa yammuu gita bittaa Awroopaatin qabamte kan raawwatame dhaa. Xaaliyaaniin baroota 1860 keessa Eritiraa Itiyoophiyaarra adda cittee bittaa ishee jala goteet turte. Yeroo lammfaaf Eritiraan Itiyoophiyaa irraa kan addaan baate ammoo, haacuuccaa oftuultoonni Itiyoophiyaa ummata irra fee’ani turan irraa yammuu bilisa baate kan mudate dhaa. Haacuuccaa oftuultoota Ityiyoophiyaa jalaa bahuuf ummanni Ertiraa qabsoo haadhawaa adeemsise bilisummaa isaa bara 1985 ji’a caamsaa labsuun isaa niyaadatamaa.

Eritiraan yeroo gita bittaa Xaaliyaan jala turte, ummanni obbooleewwan isaa Itiyoophiyaantoota irraa addaan hincinnee. Dhalattoonni Eritiraa gara Itiyoophiyaatti godaanisu dhaan bakka feedhanitti jiraachuuf mirga niqabu ture. Dhalattoonni Eritiraa yammuu gara Itiyoophiyaa dhufan lammii Itiyoophiyaantummaa argachuuf gaaffii dhiyeessuun irraa hinegamu; akka Itiyoophiyaantoota ta’antti fudhatamu. Haalli kun obbooleeyyuummaan ummata Itiyoophiyaa fi Eritiraa giddu jiruu hangam cimaa akka ta’e raga bahaa.

Huumni faashiist Xaaliyaan huumna gamtooman Ameerikaa, Rusiyaa, Biriteeyin, Firaans, Chaayinaa, Kaanaadaa . . . of keessa haammateenn lafa qabatterraa yammuu arii’amu Eritiraa irraas ari’ame; bara 1934. Xaaliyaaniin Eritiraa gadhistee yaabaatu malee, huumni looltoota Biriteeyin maqqaa bakkabu’ummaan biyyatti bulchu jalqbe ture. Ummanni Eritiraa yeroo kan biyya hidda isaa kan taate Itiyoophiyaa waliin makamuuf qabsaahuu jalqabe. Keessttu qaama waldaa Jaalala Biyyaa/Haagar fiqir maahibar jeedhamuun durfamaa qabsoo isaa cimsee itti fufe.

Qabsoon ummata Eritiraa kun bara 1944 firee buse. Ummanni Eritiraa murtee sagalee ummataatiin feedeereeshiniin Itiyoophiyaa waliin makame. Eritiraan qaama Itiyoophiyaa taatee, ummanni ifaan lammuummaa Itiyoophiyaantummaa arqaqgatte. Garuu feedeereeshiniin Eritiraa paarlaamaa ofii qabaatee mirga ofiin of bulchu niqabaa ture. Itiyoophiyaa heedduumina saboota qabdu keessa  Eritiraan addatti mirga ofiin of  bulchu qabaachuun ishee mootii H/sillaaseen hinjaalatamne. Mootiin H/Sillaasee sodaa saboonni kan biroos mirga ofiin of buulchu akka gaafatan kakkaasaa jeedhuun, bara 1955 paarlaamaa feedeereeshini Ertiraa humnaan dirqee, Eritiraa akkuum lafa kaan bittaa muummee (xaqlaay gizaat) isaa godhate.  

Haalli kun dhalattoota Eritiraa hingammachisne. Kanaafuu; daggala lixanii qabsoo hidhannoo bilisummaa jalqaban. Qabsoo haadhawaa waggoota kuurnan sdiif adeemsiisanii Caamsa 18, bara 1983 bilisummaa isaan argatan. Eritiraan waggoota lamaaf beekkamtii de facto argattee turtee, bara 1985 ji’a Caamsaa sagalee ummataatiin ifaan bilisummaa ishee labsite. Labsii kanaan umaanni tokkuummaa qabuu yeroo lammaffaaf biyya lamaan addan cite.

Ummanni Itiyoophiyaa fi Eritiraan biyya lamatti addaan cituullee, waliinjireenya isaanii rakkoo tokkoolle hinmudannee. Dhalattoonni Eritiraa, Itiyoophiyaa keessa bakka mara obbooleewwan isaanii Itiyoophiyaantoota waliin jiraatu. Fudhaaf heeruumaan, haammachiisaan . . . firuummaa ijaaruun isaanii akkuuma dur jiruutti itti fufe ture.   

Videos From Around The World

Walumagalatti;  bara 1985 irratti Ertiraa akka biyyatti Itiyoophiyaa irra kan addaan cittee  oftuultoota  jalaa bilisa  bahuufi malee ummata Itiyoophiyaa irraa fagaachuuf hinturre. Bilisummaan Eritiraa kun obbooleeyyuummaa uammata lamaan giddu midhaa hingeesisne. Yaata’u malee obbooleyyuumaan Itiyoophiyaantoota fi Eritiraanttoota bara 1990 tasa rakkoo irra bu’e. Ji’a Ebla bara 1990 irratti sababa dangaatiin  biyoonni lamaan waldhaban. Waldhabbiin kun gara waraana haamaatti guddatee gara lamaanuu lubbuu namoota kuma heedduun lakkahaman galaafate.

waraanni biyyoota lamaan kuuniis obbooleeyyuummaa Itiyoophiyaantoota fi Eritiraantoota giddu jiru irratti midhaa hingeessiisne. Biyyoonni lamaanuu yammuu  namoota  nageenyaaf  soodaa uummu jeedhani shakkan arii’an, namoota ari’aman akka alagaatti osoo hinta’ini akka fiira isaanii waliin addan bahanitti bohaa gaggeessan.

Bara 1992  irratti waraanni biyyoota lamaanii qabanaayee gara waraans nageenyaas  hintaaneetti  jijjiirame. Waggoota kana keessa  obbooleeyyuummaan ummata  biyoota lamaan akkuuma jiruu ture. Yeroo kana keessa Eritiraantoonni heedduu gara  Itiyoophiyaatti nigodaanu ture. Godaanisttooni kun garu Itiyoophiyaa keesa akka koolagalaa osoo hinta’ini akkuuma biyya isaanitti jiraachaa turan. Mootummaan  Itiyoophiyaas  Ertiraantoonni, haala koolagaltoota biyyoota kan biroo adda ta’een ummata keessa – firoota isaan waliin akka jiraachuu dandahan labsiin heyyamee ture. Goodaanniistoonni Eritiraa akkuuma duurii, fudhaaf heerumaan, haammachiisaan, olluummaan Itiyoophiyaantoota waliin firuummaa isaani cimschaa jiraachaa turan.

Eegaa; ministeeroonni  mummee Itiyoophiyaa duraanii, walittidhuufeenya biyyoota  lamaan  haala  obbooleeyyuummaa ummataa waliin walsimuun ijaaruuf feedhii isaani ibsachaa turan; garuu hinmilkoofne. Amma ministeerri mummee 3ffaa RDFI Dr Abiy Ahimad milkaahanii biyoonni lamaan haariiroo nageenya cimaa dirirsuu jalqabani jiru.

Ministeerri  mummee  Dr Abiy  Ahimad  daawwanaaf gara Eritiraatti yammuu imalan,  waligalte  nageenya  dhimmoota shan  irratti  xiyyeefate mallatteessani jiru. Waligalteewwan kanneen keessa inni guddaan waraana biyyoota lamaan giddu ture kan dhabsisu dhaa. Akkaataa waligalte kanatti, waraanni biyoota lamaan waggoota kurnan lama lakkoofsise dhuuma argate jiraa. Waayee dangaa isaaniis haala walitti dhufeenya isaan waliin simuun hikuuf waligalnii jiru. Walittidhufeenya  ummata  biyyoota  lamaanii  waraanaan  daangeefame ture bakka dur  tureetti  debisuuf  geejiibaan walqunnamsisuuf waligalanii jiru. Daandiin  Qilleensa Itiyoophiyaa guyyoota lamaan booda Adooleessa 10, bara 2010 gara Eritiraatti balali’u jalqabaa. Bufata galaana waliin misoomsuu fi tajaajillufis waligalanii jiru. Walumagalatti; waligalteen hoogantoota biyyoota lamaaniin mallattaayee kun ummanni haariiroo haawaasaa fi dinagde laafee ture akka cimsuu fi gara bakka dur jiruutti deebisu dandahu garagaaraa.

Walittidufeenyi Itiyoophiyaa fi Eritiraan haaraawamuun isaa biyyoota lamaaniif qoofa  miti  kanfayyaddu.  Nageenya  gaanfa Afrikaa  mirkaneessuu keessas shoora ol’aanaa qabaa. Gamtaan Afriikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman, Gamtaan Awrooppaa, akkasuumas mootummoonni Awrooppaa fi Ameerikaa waligalte nageenya biyyoota lamaan kan dinqisifatan; dhimmi kun, dhimma idla aduunyaa waan ta’eefi.

Walumagalatti; walittidhufenyi ummata Itiyoophiyaa fi Eritiraan waggoota kumaan lakkaahamu kan lakkoofsise fi akka addan hinbaane ta’e kan wal foohame dhaa.  Itiyoophiyaantoonni fi  Eritiraantoonni  mootummoota lama jala haabulan malee ummata tokko; ummata  tokko  biyyoota  lamaan  keesa jiraatani dhaa. Miirri ummta lamaan tibbana yammuu walfageenyi biyyoota lamaan haaraawamu ifaa bahees kan mul’isaa.

  


Back to Front Page