Back to Front Page


Share This Article!
Share
Seenaa Hindagatamne

Seenaa Hindagatamne

Ibsa namarraa 02-14-18

Bitti Itiyoophiyaa bifa cocoorreen fakkeefamti. Gareewwan tokko tokko yammuu Itiyoophiyaa ibasan cocoorree akka qeerransaa jeedhu. Garuu Itiyoophiyaan bifa saddeet tama ool osoo qabaattu, qeerranssa  cocoorree haalluu lama qabuun maaliif akka fakkeefamtee naahigalu. Waamaraafu, Itiyoophiyaan biyya saboota, sablammoota fi ummattoota haalluu ykn bifa saddeet tama ol qabdu dhaa.

Itiyoophiyaan saboota, sablammoota fi ummattoota saddeet tama ool ta’an yaaqabaattu malee, yeroo sirna mootoota heedduumini sabootaa kun fudhatamaa dhabee ture. Kanaaf sirni mootoota heedduumina kana tume Itiyoophiyaa bifa tokko qabdu umuuf tarsiimmoo qopheefate ture. Sirna mootoota keessa saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyyatti afaan, adaan, dudhaani fi seenaan isaanii seeraan fudhatamaa akka hinargannee godhame ture. Afaan isaanii tajaajila haqaa dabalatee, afaan hojii akka hintaanee seeraan dhorkame ture. Afaan isaani tajaajila midiyaaf fayyadamuunis dhowwaa ture.

Saboonni, sablammoonni fi ummattoonni Itiyoophiyaa adaa fi dudhaa ofii isaani yoo qabaatanille, adaa fi duudhaan isaani akka dubatti hafuummaa fudhatamaa ture. Mirgi akkaataa adaa isaanitin buluun, adaa isaani dagaagfachuun, beeksisuun dhorkaa ture. Seenaa ofii isaani yoo qabaatanlle, sirni mootoota enyummaa isaanii awwaaluu akka isaaf toluu seenaa tottolcheef ture.

Walumagalatti, saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyyati eenyummaa isaaniin lammuummaa baiyyattii akka isaaniif hindhagahamne, eenyummaa isaanitiin akka saalfatan, mataa akka agadii qaban godhamaa ture. Haala kanaan mirga lammuummaa fudhatama qabuu argachuuf eenyuummaa isaanii dhoksuuf nidurqamu ture. Maqaa afaan isaaniitiin moggaafaman kan jijjiraa turan eenyumaa isaaniif dhoksuuf akka ture hubadhaa.

Kana qoofa miti; sirni mootoota dangaa bittaa isaa gara kibbaa, bahaa fi lixaa biyyatti yamuu babal’ifatu lafa saboota, sablammoota fi ummattoota saamee ture. Haala kanaa saboonni fi sablammoonni mirgi abbuummaa lafa isaani irraa mulqame. Laftii ummata irraa sarbame, maatii mootootaa fi ajajoota looltootaaf risti fi gultiin raabsame ture. Saboonni fi sablammoonni abbaa biyyaa ta’anllee, warra lafa isaanii saamanii abbaa lafa ta’aniff xiisanyaa ta’uuf dirqaman; xiisanyaa lafa ittiin jiraatu qootee calla isaa abbaa lafaa gabbarruu.

Haala kanaan saboonni fi sabalammoonni biyyattii irratti hacuuccaan eenymaa fi dinagdeen itti fee’ame.

Saboonni fi sablammoonni biyyatti haacuuccaa kana tole jeedhani hinfudhane. Garuu akka salphaatti of irraa busu hindandeenye. Jalqabaratti, iddoo itti jiranitti finciilu jalqaban. Bubbuulee, araddaa ittiin jiraataniin gurmaahani qabsoof boosana lixuu eegalan. Finciilli fi qabsoon kuun garuu iddoo muraasaa keessa kan adeemsifamaa turee ta’u isaa dabalatee, tarsiimoo irratti hundaayee kan adeemsifamu waan hintturreef bu’aa qabatamaa argamsisu hindandeene. Garuu finciilli Wayyaanee dursaa ummata Tigraayi fi Finciila qonnaan bulaa Baalee sirnicha rifachiisanii turan.

Wagootan bara 1950ffaa keessa baruumsii babal’achaa dhufee sabaaf sablammoota keessa haayyooleen wayee sirnichaa xinxaalan uumamu jalaqaban. Haayyooleen kanneen fi barattoonni magaaloota keessa qabsoo moormi adeemsisu jalaqabani. Qabsoon kun soochii barattoota Itiyoophiyaa jeedhmeet beekamaa.

Soochiin barattoota waggootan bara 1950ffaa keessa eegale, barattoota sadarkaa 2ffaa biyyatti mara keessa argaman hirmaachisaa babal’achaa ademe. Dhuma irratiis dafqaan bultoota fi haawaasa magaaloota kan biroon, keessttu Fifinnee keessa argamniin garagaarame bara 1966 irrtti sirnicha fonqqoolchuuf sochoose. Garuu qabsoon barattootaa fi haayyooleen haala gurmaaheen kana adeemsifamaa waan hintuurreef hinjifannoon argame, human looltoota sirnichuuma san tajaajilaa tureen sarbame. Humnii looltoota Guraandhala bara 1966 irratti mana marii looltoota miseensoota 120 of keessa qabuu gurmeessee taa’itaa fudhachuuf qophaaye. Manni mare looltoota darg jeedhmu kun; Fuulbaan 2, bara 1967 irrtti mootii sirniicha ta’itaarra busee of kaayee, mootummaa ceehuumsaa looltoota labse.

Humni looltoota ta’itaa irra koore kun ilaalchaan, keessttu ilaalcha mirga saboota, sablammootaa fi ummatoota irratti qbu sirna mootoota waliin garaagrummaa hinqabu. Kanaafuu; sabootaaf, sablammotaa fi ummattootaaf beekkamti seeraa keennu hinfeenne. Labsii lafti qonnaan bulaaf jeedhuun lafa warra abbaa lafarraa fudhatee qonnaan bulaaf keennuun aal wayee mirga sabaaf fi sablammoota akkuuma jiru dhisee. Abbuummaan lafa qonnaan bulaas mirga abbaa homishummaa waan hinmirkaneesineef qonnaan bulaan xisanyaa mootummaa ta’e hiyyuummaa jalaa bahuu hindandeenye. Haala kanaan haacuuccaan eenyummaa fi hiyyuumaan itti fufe.  Qabsoon bilisummaa sabaaf sablammootaas itti fufe.

Haala kanaan qabsoon bilisummaa Ertiraa bara 1955 eegalee cimee itti fufe. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) bara 1965 gurmaayees qabsoo isaa itti fufe. Humni looltootaa hinjifannoo ummata sarbee ta’itaa irra koree gaaffii sabaaf sablammoota deebisuuf feedhi akka hiqabne ifaa erga ta’e booda, barattoonni dhalattoota Tigraay Yuniivarsiti Haaylasillaase soochii barattoota keessa adda dureen hirmaachaa turan, qabsoo hidhannoo bilisummaaf Guraandhala 11, 1967 boosana lixanii Dhaabata Bilisummaa Ummata Tigraay ijaaran. Dhaabbanni Bilisummaa Ummata Tigraay haala kanaan gurmaaye. Dhaabbanni kun haacuuccaa saboota irrtti fee’ame turee busuuf dhalate.

Dhaabbanni Bilisummaa Ummata Tigaayi fi dhaabileen bilisummaa sabaaf sablammoota kan biro, kallattii biyyattii gara garaatiin qabsoo bilisummaa qabsisan. Qabsoolee bilisummaa kanneen keessa, qabsoon Dhaabata Bilisummaa Ummata Tigraay haala mija’aa iddoo qabsoon ittin adeemsifamu irraa  kan ka’e ol’antummaa argachaa dhufe. Dhaabanni kun turee dhabbatoota qabsoo bilisummaa saboota kan biroo waliin makame mul’ata sabboota, sablammoota fi ummatoota biyyatti mara bilisomsu kaayeefate. Jalqabrraa Soochii Deemookraatwaa Ummata Itiyyophiyaa/ Soochii Deemookraatawaa Saba Amaaraa waliin adda tokko ume; Adda Demookraatwaa waraaqsa Ummata Itiyoophiyaa (ADWUI).

Qabsoo ADWUI keessa, qabsaahoonni saboota fi sablamoota kan biroo yammuu baay’achaa dhufan keessattu yamuu qabsaahoonni Oromoo baay’atan Dhaabbanni Deemookraatawaa Ummata Oromoo (DhDUO) dhalate. Soochiin Deemookraatawaa Ummatoota Kibbaa Itiyoophiyaas qabsoo addicha keesa hundaaye. Haala kanaan ADWUIn sabaaf sablammoota Tigraay, Amaaraa, Oromoo, Ummatoota Kibbaa fi kan biroo ofkeessa haammatee qabsaahaa bilisummaa cimaa ta’eet bahee. Haala kanaan qabsoo isaa lafa heeddu keessa babal’isee hirmaannaa ummataatin sirna dargii hundee isaa iraa buqqiise.

Sirna Itiyoophiyaa amma saboonni, sablammoonni fi ummattoonni mirgi offin of bulchuu isaanii heera mootummaatiin kabajame walqixxuummaan ittiin jiraatan ijaaruu keessa qabsoon ADWUI iddoo seena qabeessa ta’e qabaa. Dhaabbanni Bilisuummaa Ummata Tigraay (DhBUT) wagootan 43 duura ijaarame, ADWUI ijaaruu keesa shoora ol’aanaa qabaa. Kanaafuu Yammuu bilisummaani fi walqixxuummaan saboota, sablammoota fi ummatoota biyyatti yaadatamu DhBUT/ADWUI yaadatamuun isaa waan hinolle. Seenaan DhBUT/ADWUI, seenaa bilisummaa saboota, sablammoota fi ummatoota Itiyoophiyaa keessa yomiyyuu kan hindagatamne dhaa.


Back to Front Page