Back to Front Page


Share This Article!
Share
Nageenyi jiraannaan…

Nageenyi jiraannaan…

Hiikaa Margaa 09-03-18

Akkuma beekamu biyyi keenya kun yeroo ce’umsaa keessa jiraachuu ishee yeroo gara garaatti ilaallee jirra. Ce’umsi nuti jennu kun ammoo salphaadhumatti iddoodhuma tokkoo kaanee kan ceenu osoo hin taane, shirawwan wal-xaxaa fi gochaawwan seeraan alaa waggoottan digdamii 27 darban keessatti xaxamaa turan diiganii darbuu ture.

Adeemsi ce’umsaa kunis bu’aa ba’ii hedduu akka qabaatu tilmaama nama kamiiyyuu ta’uun isaa hin oolu. Sababnisaa shira waggaa digdamii torbaaf uummata kana burjaajessaa ture ji’a lama keessatti battaluma furuun waan hin danda’amneef.

Yeroo gara garaatti akkuma ilaalaa turre, jijjiirama amma biyya kana keessatti dhufaa jiru, qamoleen hin deggerres jiraachuu isaaniis agarree jirra.

Qaamoleen jijjiirama dhufaa jiru kana morman warreen Kanaan dura aangoo isaanii seeraan ala fayyadamuun lammilee nagaa biyya kanaa hidhaa, ajjeesaa, qaama madeessaa, biyyaa ari’aa fi miidhaawwan gara garaa irraan ga’aa as ga’an waan ta’aniif ifni bilisummaa warreen Kanaan dura miidhamaa turaniif baanaan boodarra seeratti dhiyaatanii itti gaafatamuun isaanii waan hin oolleef osoo hin badin yoo danda’an balleessuu, yoo dadhaban ammoo gocha badanii balleessuu gara garaa irratti bobba’anii jiru.

Qaamoleen jijjiirama kana hin barbaadne kanneen biroon ammoo warreen Kanaan dura aangoo isaaniitti fayyadamuun sababa gara garaatiin qabeenya uummataa, lafa uummataa, mana uummataa akka barbaadanitti firoota isaaniiitiif ofii isaaniitii saaman waan of keessatti qabatuuf, jarreen kun ammallee mootummaa dhaaf qormaata guddaa yeroo jijjiirama kanaati.

Videos From Around The World

Gochaawwan jarreen kun godhan keessaa kanneen ijoo ta’an, qabeenya Kanaan dura seeraan ala saammatanii baankiidhaa qaban hammam alee invest gochuudhaan nageenyi biyya kanaa akka boora’u gochuu dha.

Fakkeenyaaf Naannolee daangaa biyya kanaa hunda deemuun lammilee naannoo daangaa baroota dheeraadhaaf nagaadhaan walii wajjin jiraachaa turan gidduutti walitti bu’iinsa uumuun lubbuun namaa fi qabeenyaa akka barbadaa’u gochaa turuun isaanii ni yaadatama. Akka yaada isaaniittis walitti bu’iinsi akkasii yoo babal’ate mootummaan to’achuu waan dadhabuuf biyyattiin kun akka diigamtutti karoorfatanii kan ka’an turaniiru.

Jarreen akkasiif biyyi jeequmsa keessatti yoo kuftee fi tasgabbiin yoo dhabame, isaaniif gammachuu guddaa dha. Sababnisaa karaa dinagdees ta’e kara kamiinuu yoo ta’e qophii waggaa digdamii torbaa waan qabaniif lammilee biroon yeroo burjaaja’anitti isaan hojii isaanii idilee waan dhaabaniif waan hin qabneef naanna’ee naanna’ee kan miidhamu uummatuma walitti bu’e sana dha.

Dhimma amantaa kaasuun isa tokko dhaadessuun isa kaan ammoo salphisuudhaan lolli amantaa akka ka’u taasisuudhaan keessaa bu’aa barbaachuunis tureera. Kanaafis rakkoon naannoo Baaleetti uumamee ture fakkeenya guddaa dha. Jarreen kun har’a amantaa dhaan lammilee kana walitti buusanii burjaajii dhufaa jiru keessaa waa argachuudhaaf dhama’aa jiraachuu isaaniis hunduu waan irratti beekeef harkaa fashalaa’e malee rakkoo hamaa keessa nu galchuuf turan jechuun ni danda’ama.

Tooftaan warreen Kanaan dura biyya saamaa turte ittiin biyya burjaajessitu keessaa inni kan biraan ammoo ajandaawwan xixiqqoo lammilee biyya kanaa miira keessa galchan funaanuudhaan karaa miidiyaalee hawaasaa gara garaa bittimsuudhaan lammilee nagaa dhaan walii wajjin jiraachaa ture walitti buusuu fi kanneen shira isaanii Kanaan duraatiin walitti bu’aa turee garuummoo yeroo ammaa kana deebi’ee tokkummaa isaa cimsachaa jiru kan akka Amaaraa fi Oromoo walitti buusuu dhaan biyya kana biyya hin tasgabbboofne gochuudhaaf halkaniif guyyaa hojjetamaa jira. Kanas gochuudhaaf akkuman armaan olitti kaasuuf yaale akkaawontiiwwan facebook maqaa gara garaan banamanitti fayyadamuu dhaan saboota Oromoo fi Amaaraa walitti buusuu dhaaf hojiiwwan gurguddaatu hojjetamaa jira.

Duula feesbuukii kanaanis gareen tokko maqaa Oromoo fi alaabaa Oromoo akka fakkii piroofaayilii ( profile picture) isaatti, gareen inni kan biraan ammoo maqaawwan Amaara keessa jiran moggaafachuun ajandaawwan goolii uumuu danda’an fiduudhaan dirree feesbuukii Sanaa dirree lolaa erga taasisanii booda badiiwwan ijaan argaman ammoo lafa irratti akka uumaman taasisuudhaaf jecha qarshiin miliyoona hedduun ramadamee akka jiru beekuun barbaachisaa dha.

Waan nama dhibu keessaa inni guddaan garuu, warreen shira diigumsa akkasii xaxan bu’aawan jeequmsaa kan akka du’uu ykn ajjeesuu keessa kallattiidhaan jiraachuu dhabuu isaaniiti. Gochaan badii raawwatamu kamillee shira warreen nuti armaan olitti kaafneen kan qindaa’e yoo ta’ellee isaan qarshii qofa kaffaluudhaan mana isaanii taa’uudhaan nagaa fakkaatanii yeroo biyyi wal-burjaajessu ilaalaa turuu isaanii ti.

Egaa kan darbes, darbee kan jeeqames jeeqamee wanti biyya kana keessatti ta’e hundinuu miidhaa guddaa qaqqabsiisuu danda’ullee akkaataa yaadameen osoo galma hin ga’in fashalaa’aa jiraachuu isaas argaa jirra.

Haala qabatamaa biyya keenyaa kan yeroo ammaa dhimma nageenyaa wajjin wal-qabatee jiru yoo ilaalle, irra-jireessaan nageenyi mirkanaa’aa jira jechuu ni dandeenya.

Nageenya amma argachaa jirru kana kan fides, mootummaa qofa ykn qaama nageenya eegsisu osoo hin taane, lammilee biyya kanaa nageenyaaf iddoo ol-aanaa qabantu hiree isaan irraa barbaachisu ba’uudhaan nageenya yeroo ammaa kana argachaa jirru kana nuuf fide.

Mootummaanis, hanga har’aatti kanneen Kanaan dura uummata miidhaa turan illee dhiifamaan qalbii isaanii jijjiirratanii uummatatti dabalamanii jireenya nagaa akka jiraataniif waamicha gara garaa yoo taasise illee, jarreen kun karaa keenyatu nu baasa jedhanii badii isaaniitti waan fufaniif tarkaanfii seera kabachiisuu fudhachaa jira. Kanarraan kan ka’e akkaataa seeraa qofaan wantootni sirrachaa jiran hundinuu biyyi kun gara tasgabbiitti akka dhuftu taasisaa jira.

Kanaan dura qaamoleen gara garaa maqaa gara garaa ofii kennuun biyya kana keessa socho’uudhaan gochaawwan seeraan alaa kanneen akka saamichaa fi seer-maleessummaa babal’achaa turuun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee yeroo ammaa kana bakka kamittuu taanaan qaama maqaa gara garaa ofii kennee gochaa badii raawwatu kami irrattuu tarkaanfii seeraa fudhachuu eegaluun isaa yeroo ammaa kanatti naannoleen gara garaa gara nagaa fi tasgabbii tti dhufaa jiru.

Egaa kun hundinuu kan hanga yoonaatti hojjetaman yommuu ta’an adeemsi seera kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uu qaba.

Hunda dura garuu kan nuti beekuun nurra jiraatu, nageenya nageenya jennee wawwaachuu qofaan wanti dhufu hin jiru. Nageenya ofii mirkaneeffachuu kan danda’u uummataa fi qaama dhimmi isaa ilaallatuu dha. Kanarraa kan hafe mootummaa qofti nageenya nuuf fida jedhanii wayita nageenyi boora’utti mootummaa qofatti quba qabuun barbaachisaa miti.

Maaliif yoo jettan wayita mirgi keenya karaa warreen Kanaan dura teessoo mootummaa guutanii taa’anii sarbamaa ture sana uummatni mirga isaa kabachiifachuuf qabsaa’aa ture sun har’ammoo wayita diinni nageenya isaa booressitu qabsaa’ee tokkummaadhaan ergamtoota diinaa kana seeratti dabarsee kennuutu irra jiraata. sababnisaa kaayyoon Kanaan dura itti qabsaa’amee nageenyaa fi dimokiraasii har’a argame kana fiduuf malee kaayyoo biraa waan hin qabneef.

Walumaa galatti, nageenya amma argame kana itti fufsiisuuf tokkoon tokkoon keenya ga’ee nurraa barbaachisu ba’achuutu nurra jiraata.

Gaafa nageenyi keenya amma arganne itti fufe ammoo gaaffiiwwan misoomaa baroota dheeraa dhaaf qabnu sanatu salphaatti deebii argachuu eegala waan ta’eef.

 


Back to Front Page