Back to Front Page


Share This Article!
Share
Barri tolaa jirti

Barri tolaa jirti !

Hiikaa Margaa 08-10-18

Barreeffamnikoo har’aa waa’ee walii galtee Mootummaa Naannoo Itiyoophiyaa tiif ABO gidduutti taasifameen wal-qabatee gammachuu natti dhaga’ame ibsuuf akkasumas gara fuul-duraattihoo maal gochuu qabna kan jedhu hamma dandeettii kootii lafa kaa’uuf kan yaadamee dha.

Jijjiiramni siyaasaa biyya kana keessatti dhufaa jiru kun akkuma hundi keenyayyuu argaa jirru faayidaa siyaasaa yeroof argamu caalaa qabatamaatti hojiidhaan mul’isaa jiraachuu isaa kan agarsiisuu dha jechuu ni dandeenya.

Kanaan dura dhaabbileen siyaasaa morkattoota ta’an sababa ilaalacha addaa paartii biyya bulchu irraa qabaataniif qofa maqaan adda addaa itti kennamee hamilee isaanii laamshessuudhaaf hojii guddaan hojjetamaa tureera.

Maqaawwan gara garaa itti kennaman keessaa inni tokko “Mormitoota” kan jedhu ture. Mormaa kan jedhu Afaanuma Oromootiin hikkaa isaa kan ilaallu yoo ta’e, yaadawwan ka’an gaariis haa ta’an ykn badaa sababuma tokko malee kan mormu jechuu natti fakkaaata. Moggaasni akkasii kun ammoo xiinsammuu paartilee Morkattootaa fis ta’e hordoftoota isaaniif gaarii hin ta’u. sababnisaa maqaan akkasii kun ta’e jedhamee qumaara siyaasaaf kan moggaafamee fi qaamni biyya bulchu qofti akka qulqulluu ta’eef lammilee isaaf waan gaarii yaaduutti kan qindaa’ee dha.

Maqaan inni biraan ammoo, maqaa tasumaa jaarmiyaa siyaasaa karaa kamiinuu qabsaa’een yaada haaraa lammilee koof fideen biyya kana jijjiiruuf kennamuu hin malle “Shororkeessaa” kan jedhuu dha. Maqaan akkasii kun ofumasaatiiyyuu waan nama shororkeessu natti fakkaata.

Dhaabbileewwan muraasni nuti yaadannu maqaa kana fedhii isaanii fi gocha maqaa sanaan wal-fakkaatu osoo hin godhin moggaasa badaa akkasii kana argatanii biyya kanaafis ta’e addunyaa irratti akka diinaatti akka ilaalamanii booda irratti qabsoon isaanii akka laamsha’uuf ta’e jedhamee kan moggaafamee dha.

Paartilee maqaan shororkeessaa jedhamu itti kennamanii, akka diinaatti ilaalamaa turan keessaa tokko ABO dha.

ABO dhaaf maqaa akkasii kennuun kan barbaachiseef, jechi shororkeessaa jedhu kun akka addunyaatti xiyyeeffannoo waan qabuuf, maqaa Kanaan sakaalanii qabsoo Oromoo laaffisuuf kan irratti hojjetamaa turee dha.

Haa ta’u malee, Muudamuu Dr.Abiy Ahmed asitti jijjiiramni siyaasaa biyya kana keessatti dhufaa jiru waan nama ajaa’ibuu fi dhuguma jedhanii hamma fudhachuun nama rakkisutti kan adeemaa jiruu dha.

Erga isaan gara aangoo Muummee Ministeerummaatti dhufanii, maqaawwan hamilee nama buusan kanneen akka “Mormitoota fi shororkeessitoota” jedhu sun maqaa tokkummaa fi yaadawwan filannoo biraa keessummeessuu danda’u “morkattoota” jedhuun kan bakka bu’ee dha.

Morkataa fi Mormaan tasumaayyuu hiikaan walitti hin dhufan. Morkataan yaada dorgomaa ta’e fidee kan morkatu yommuu ta’u, Mormaa fi shororkeessaan jedhame sun faallaa dha.

Videos From Around The World

Dhugaa dubbachuuf taanaan, an ergan dhaladhee of baree, waadaawwan hedduu mootummaan biyya geggeessu lammileedhaaf galu baay’ee isaa dhaga’eera. Waadaawwan galaman garuu hedduun isaanii faayidaa siyaasaa yeroo dhaaf kan oolan malee qabatamaatti gara hojiitti yommuu jijjiiraman argees dhaga’ees hin beeku.

Garuu, Mootummaan Dr.Abiy Ahmed n durfamu jalqabuma gara aangotti erga dhufee, dirree siyaasaa biyya kana keessatti dhiphate bal’isuun dimokiraasii dhugaan biyya keenya keessatti akka dagaagu ni taasifna jechuun waadaa nuuf galuu isaa ni yaadanna.

Kanumarraa ka’uun hidhamtoota siyaasaa kumaatamaan lakkaa’aman kanneen shororkeessaa jedhamanii waamaman illee mana hidhaatii hiiksisuun karaa nagaatiin akka isaan qabsaa’an taasifamee jira, itti fufas.

Mootummaan ADWUI Dr.Abiy n durfamu kun paartilee Morkattoota gara garaa biyya keessaa fi biyya alaa jiran waliin mari’achuu dhaan carraan biyya kanaa gara fuula duraatti maal ta’uu akka qabu taffaaffii inni taasisaa jiru hanga yoonaatti milkaa’aa kan jiruu fi waadaa dhugumaan onnee irraa galame ta’uu isaa mirkaneessaa jira.

Adeemsa hanga yoonaatti deemameen, paartileen morkattootaa hedduun isaanii yaadaa fi tarsimoo mootummaan biyya kana dimokiraasessuuf hordofaa jiru dhugaa ta’uu isaa amananii fudhatanii hojiitti kan seenan yoo jiraatan illee, Paartiin ABO shanee jedhamee beekamu sababawwan gara garaatiin hanga yoonaatti ifaa fi ifatti mootummaa wajjin waan walii hin galiniif nuun warra ala jiruyyuu baay’ee nu yaaddessee ture.

Sababnisaa Paartiin kun paartii siyaasaa waggoottan dheeraadhaaf Oromoo bakka bu’ee qabsaa’aa turee fi fayyadamummaa fi abbaa biyyummaa Oromoon mirkaneessuu qaba jedhee qabsaa’aa turee dhawoo, yeroo ammaa Oromoon biyya geggeessuu fi abbaa biyyummaa isaa itti mirkaneessuu eegale kanattimmoo maaliif biyyatti hin deebine kan jedhu hunduma keenyaaf gaabbii fi aarii nutti naquun isaa hin oolle.

Yeroo ammaa kanatti biyya kana kan geggeessaa jiru Oromoo ta’ee Osoo jiruu. Qaamni ammallee Oromoofin qabsaa’a, qawwee malee falli hin jiru jedhu kan jiru yoo ta’e, uummata Oromoo biratti akka duraa fudhatama qabaata jedhee hin yaadu. Kanaan dura tarii qaamoleen biyya geggeessaa turan, karaa nagaadhaan akka qabsoofnuuf carraa nuuf kennuu dhiisuu malan ta’a. Amma garuu kan nu barbaachisu tarsimoodhaan masakamnee fayyadamummaa uummata keenyaa akkamiin mirkaneessina kan jedhu malee, qawweedhaan qabsoofna kan jedhu filannoo keenya waan ta’u natti hin fakkaatu.

Sanas ta’e kanas, carraa yeroo ammaa arganetti fayyadamuudhaan, paartileen maqaa Oromootiin dhaabbatan hundinuu gar tokkotti dhufuu dhaan, akkamiin jijjiirama biyya Oromiyaa keessatti fiduu dandeenya kan jedhu irratti mari’achuun dirqama paartilee kanaati.

Tattaaffii Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa taasiseenis kaleessaa irraa eegalee, ABO mootummaa Itiyoophiyaa wajjin karaa nagaa nan qabsaa’a jedhe jechuu gaafa dhageenyu gammachuu guddaatu nutti dhaga’ame.

Sababnisaa warri kontirobaandistootaa qaawwaa ABO fi Mootummaa gidduutti uumame kana akka injifannootti lakkaa’achaa, ergama badiisa gara garaa nu gidduutti uumuuf qophee irra yeroo isaan jiranitti kaayyoon isaanii kun jalaa fashalaa’uu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru.

Jaalannes jibbines, diinni Oromoo kan inni na’u gaafa Oromoon dirree waraanaatti ba’u osoo hin taane, gaafa inni tokkummaa qabaatuu dha. Gaafa Oromoon tokkummaa qabaate, diinni bakka lixaa dhabdi.

Tokkummaan amma ABO fi Mootummaa gidduutti uumame kun kana booda karaa kamiinuu laafuu kan hin qabneef dheebuu bilisummaa Oromoo kan baroota dheeraas mirkaneessuutu irra jiraata.

Dhaabbileen Oromooin qabsaa’a jedhanii biyya keessas ta’e biyyaan ala jiraatan hundinuu kana booda gara tokkotti walitti dhufanii muuxannoo qaban waliif hiruudhaan carraa amma arganne kana irra caalmaatti fayyadamnee biyyas akka fayyadnu gochuun dhimma filannoof hin dhiyaannee dha.

Xumura irratti tokkummaan amma uumame kun kan nagaa, kan misoomaa fi jaalalaa nuu haa ta’u jedheen barreeffama koo kana xumura.

 


Back to Front Page