Back to Front Page


Share This Article!
Share
Qabsahaan malee qabsoon hindu'u

Qabsahaan malee qabsoon hindu’u

Abbaa-diduu Bilisaa 07-08-18

Itiyoophiyaa keessa jijjiiramni waligalaa mul’achaa jiraa. Jijjiramni kun, tasa akka bakakkaatti kan bu’e osoo hintaini, bu’aa falmii keessoo waggootii kurnan lamaa fi walakkaa walnyaachaa bilchaate irraa kan maddee dhaa. Waggootan kurnan lamma fi walakkaa darban keessa jijjiiramni fi bu’ooleen gurguddoo siyaasaa fi dinagde argamuun isaa dhugaa qabatamaa dhaa. Yaata’u malee, sababa dadhabbina raawwii mootummaa RDFI irra kan ka’e rakkooleen gurguddoo mudachuun isaanis dhugaa ifaa dhaa.

Gara dinagdeetin; waggootii kurnan tokkof walakkaa ol guddina walirraa hincinnee galmaeessiisuun dandaahame jira. Yaata’u malee guddiinni kun ummata mara haala madaalawa ta’een fayyadamaa hintaassisne. Qabeenya guddina dingdeen uumamerraa namoonni xiqqoo qooda leenca yammuu argatan, ummanni kaan kajeellaa ta’eet hafe. Haalli dhabiinsa qoqqooddi qabeenya madaalawaa hintaanee kun, ummata komachise jira. Rakkoon kun saamiicha qabeenya ummataa fi mootummaa kan labsiin heyyamame fakkaatu fi rakkoo dhabiinsa bulchinsa qajeelaan dabaalame haariiroo ummtaa fi mootummaa gidduu jiruu qocoorse jira.

Gara siyaasaatin, waggootan darban kurnan lamaa fi wlakkaa keessa hinjifannoon seena qabeessa ta’an galmaahuun isaanii dhugaa ta’uulle, hir’inniis hindhabamne. Itiyoophiyaa keessa mirgi ilaalcha kan kabajame kuufaati sirna dargii booda ta’uun isaa nibeekamaa. Sirnoota darban keessa lammiiwwan biyyattii; mirga ilaalcha feedhan qabachu, ibsu fi tarkaanfachisu hinqaban ture. Kufaatii sirna dargii booda mirgi ilaalcha heera mootummaatiin mirkanaayee jira. Kanaafuu; yeroo ammaa partiileen siyaasaa kurnan heedduun lakkaahaman ilaalcha gara garaa irratti hundaahani gurmaahanii soochii gochaa jiru. Paartiileen kun ilaalcha fi ijjannoo isaanii bilisaan tarkaanfachisaa, taayitaa siyaasaa argachuuf  filannoo irratti hirmaachaa turuun isaaniis beekamaa dhaa.  

Videos From Around The World

Itiyoophiyaatti bilissuummaan preesii kan kabajamees waggoota darban kurnan lamaa fi walakkaa keessa. Sirnoota duur keessa pireesiin bilisaa seeraan dhorkame ture. Kitaaboonni maxxanfamaa turanille, maxxansa duura saansuura cimaa keessa darbuuf nidirqamu ture. Tiyaatiroonni fi sirbooleen ummataaf dhiyaataniis saansuura cimaa keessa darbuun irraa eegamaa. Kufaatii sirna dargii booda kun gutumaan gututti akka ka’u taassiifame jira. Amma mirgoonni demookraasi ilaalchabilisaan ibsuun heera mootummaatin mirkanaaye jiraa. 

Yaata’u malee; hinjifannoowwan siyaasaa kun gabbachhaa adeemuu irraa, haala huqqachaa ittiin adeemantu mul’ate. Biyyatti keessa dhaabileen siyyaassaa heedduu jiraatanille, carraan mana maree bakka bu’oota uummataa feedaraalawaa fi naannoolee keesa barcuuma argachuun isaanii yeroo irraa gara yerootti dhibbachaa adeeme. Filannoowwan bara 1987, 1992, 1997 adeemsifaman irratti, paartileen siyaasaa moorkattootaa fi namoonni dhunfaan filannoo irratti hirmaatan manneen maree bakka bu’oota ummata keessa qooda taayitaa argatanii turan. Garuu; filannoo bara 2002 gaggeefameen mana mare bakka bu’oota feedraalawaa keessa kan hirmaachu dandahan bakka bu’aa partii morkataa tokko fi sabadhunfaa tokko qoofa. Filannoo bara 2007  adeemsifame irratti ammo qoodni moorkattoota duwwaa ta’e. Carraan hirmaannaa moorkattootta haala kanaan dhibachaa adeemuun isaa madaala kamiyuunu fudhatamaa argachu hindandayu.

Halli kun dhaabbattoota siyaasaa seraan galmaahanii soochohaa turan dirree morkii nagayaa irraa gara qarreetti dhibee. Dhibbaan kun soochiin siyaasaa nagaa aala ta’e fudhatamaa akka argatu haal mijeesse jira.  Partiileen gara qarreetti dhibaman, deegarsa lamiilee mootummaa keessa bakabu’ummaa dhaban  argachaa adeeman. Sagaleewwan carraa dhagahamu dhaban midiyoolee dhunfaa biyya keessaa fi alaan bal’inaan dhagaahamu jalqaban. Sochii kanaan walqabate, mootummaan sababa soochii siyaasaa seeraan ala jeedhun, hooggantoota, miseensoota fi deeggartoota dhaabilee siyaasaa, akksuumasa gaazeexeessiitoota baay’inaan gara hidhaatti galchu jalqabe.

Eegaa haalli dinagde, fi siyaasaa biyyatti armaan olitti ibsame, ummataa fi dhaabilee siyaasaa moormitoota gartokkeen; paartii biyya bulchaa jiru fi mootummaa ammo gar biraatiin fallaa hiriirsee falmii nagaa hintaane keessa naqe. Falmiin nagaqabeessaa hintaanee kun tarkaanfillee sireessaa mootummaani fi paartii biyya bulchuun fudhatamaniin qabanaahaa adeemu nidandaahaa ture. Yaata’u malee tarkaanfileen kun yeroo dhaan fudhatamu waan hindandeeyneef rakkoon ukkaamame kufame, haala balaaleefannaa ummataatiin dhooyee bayee. Balaaleeffannaan dhooyee bayee kun adeemsa seera kabajsiisa idileetin too’atame qabanaahuu hindandeenye.

Tarkaanfiin huumnaa balaaleefannaa ukkaamsuuf fudhatame lubbuu lamiilee heeddu dhabamsise; qaama lamiilee heedduu hir’ise; lammiileen heedduu  hidhaaf saaxile. Haalli kun balaaleeffannaan ummatta qabanaahuu irra akka cimaa adeemu taassisee. Dhaabbiileen siyaasaa direen siyaasaa nageenya nuhirmaachisuu hindandahu jeedhanii abdii kutatni fi biyya alaa socha’an balaaleefannaa ummata kana haala gurmaayeen qajeelchuu jalqaban. Walumagalatti tarkaanfiin huumnaa mootummaan fudhatame,  lamiilee ajjeesuu fi hidhuu ala, feedhii jijjiirama fi qabsoo dhaabsisu hindandeenye; huumni qabsahaa malee qabsoo ajjeessu waan hindandeenyeef.

Qabsoon ummataa bakka dhaabu hindandeenyeetti gahuun isaa eerga huubatame booda, biyyatti gara hintaaneetti ofee balaaf saaxilu duura ADWUIn fi mootummaan RDFI tarkaanfii jijjiirama qabatamaa fidu dandahu fudhachuuf murteessan. ADWUIn fi mootummaan RDFI gadifageenyaan of qooratan sirraahuuf kan murteessan yeroo kana. Tarkaanfileen jijjiramaa ummataan fudhatamaa akka argatan; bu’a qabeessa qoofa osoo hinta’ini, hooggantoota haaraatiin kan gaggeefan akka ta’an godhuuniis barbaachisaa ture. Hoognsaan duur bifti isaa xuraayee, tarkaanfii jijjirama hangam bu’aqabeessaa ta’e fudhachu danahulle, ummataan fudhatmaa argachuu hindandahu. Haalli kun hooggantoonni ADWUI fi mootummaa RDFI haaraa tarkaanfilee bu’a qabeessaa ta’an waliin gara angootti akka dufan godhe. Ministeerri mummee Dr Abiya fi gareen hooggansa isaanii gara angootti kan dhufe haala kanaani. Amma gareen hooggansaa haaraa kun tarkaanfile bu’aqabeessa ta’an fudhachaa jiraa.

Tarkaanfilee fudhataman keessa; tarkaanfiin lammiilee yakkaan adabbiin hidhaa itti murtaaye ture fi yakkaan shakkamanii hidhaman, dhifamaani fi himata isaani addancituun bilisa akka bahan taassiise, isa guddaa dhaa. Kanaan walqabate dhaabbilee siyaasaa fi midiyaalee biyya alaa sochoohaa turan gara biyyatti akka galan waamichi darbe jiraa. Akkaataa waamicha kanaan, dhaabbanni qabsaahoota angaafa mirga Oromootin hoogganamu ADOn gara biiyatti debi’uuf isa duraa ta’e jiraa. Ittifufu dhaan, sirna dargii keessa hooggansa ol’aanaa ta’anii tajaajila turan Dr Ambaasaadar Kaasaa Kabbada, dursaa dhaabbata Moorash Goosa Kiyyaaf Obbo Takle Yashaaw,  Adda Bilisummaa Oromoo Tokkumaaye jeenraal Haaylu Gonfaa fi Abbaa-nagaa Jaarraan hoogganamu, akkasuumas Adda Bilisummaa Tokkuummaa Oromoo (ABTO)  jeenraal Kamaal Galchuun hoogganamu gara biyyatti deebi’ani jiru. Oromoo Midiyaa Netwoork Jawaar Mahaamditin hoogganmuus damee isaa finfinnee keessaa ifaan banee jira.

Kanamalees; manni maree bakka bu’oota feedraalawaa mooggaasa shororkeessuumma Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Adda Bilisummaa Biyyooleessa Ogadeen (ABBO) fi Ginboot 7 kaase jiraa. Tarkaanfiin kun dhaabbattoonni fi hooggantooni isaanii baraarsaan/araaraan gara biyyatti deebi’ani soochii siyaasaa nagayaa irratti ittiin hirmaachu dandahan mijeessaa. Seerri sirna baraaraas ragaahuuf adeemsa irra jiraachuun isaas nibeekama. Midiyooleen mootummaas abookaato mootummaa ta’u keessaa bahanii, odeefannoo madaalawaa dhiyeessuun ummata tajaajiluf carraaqaa jjiru.

Tarkaanfileen qabatamaa fi bu’aqabeessaa ta’an kun ummanni akka abdii hooratu godhani jiru. Abdiin kun ammo mootummaa fi ummata giddu waligaltee fi walamantiin akka uumamu godhe jira. Hiriiroonni deegarsaa tibbana biyya keessaa fi biyyoota aala godhama jiran dhugaa kanaaf ragaa bahuu.

Yaata’u malee jijjiiramni dhufaa jiruu qaamoota biyyatti maraan fudhatama hinarganne. Maxxantooni namoota caasaa mootummaa keessa turan waliin haariiroo uumanii saamichaan duraman, akkasuumas biyya alaa taa’ani siyaasaa daldalu dhaan jiru isaani mijeessan jijjiirama dhufaa jiruun hingamadne. Namoonni yakka mirga nama sarbuun seeraan nigaafatamnaa jeedhanii soodaatniis jijjiirama dhufaa jiruun hingamadne.

Qaamoonni hingamadne kun jijjiirama gufachisuuf carraquun isaanii waan hinolle. Haarki isaanii walitti-bu’insa asiis achiis mudataa jiru duuba jiraachu hin’olu. Haaleelaan boombii hirriira tarkaanfilee hooggansi haaroomsaa fudhatee fi bu’aa argammsiiseef beekkamti keenuu fi galateefachuuf tibbana Finfinnee keessa gaggeefame irratti raawwtamees qaamoota kanaan kan raawwatame ta’u hinolu. Haaleellaan boombii kana miniisteera mummee Dr Abiy fi garee hooggansa isaani irratti ajjeechaa raawwachuu kan kaareerfate ta’u hinolu.  

Yaata’u malee; jijjiiramni dhufaa jiru deeggarsa ummataa waan qabuuf hooggansoota ajeesuun qoofa fashalaahu hindandayu. Yaaliin ajjeechaa ministeera mummee fi garee hooggansa isaani osoo milkaaye turelle jijjiiramni hingufatu. Jijjiirama ummataan fudhatamaa argatee, tarkaanfachiiftoota fi qabsaahoota jijjiiramaa ajeesuun qoofa gufachuu akka hindandeenye senaan ragaa bahaa. Qabsoo baroota 1960 haacuuccaa sabaa fi dingde biyyatti keessa ture jalaa bahuuf adeemsifame cabsuuf ajjeechaan tarkaanfachiiftoota qabsoo irratti fudhatame qabsoo hingufachisne; hinjifannoos haambisuu hindandeenye.

Sirni mootoota ajjeechaa tarkaanfachiiftoota qabsoo adda dure ta’an kan akka  Xilaahuun Gizaaw fi Waalaliny Mkoonnin irratti raawwate qabsoo hingufachisne. Sirni feedaraalawaa Itiyoophiyaa amma mirga sboota fi sablamooota kabajsise bu’aa qabsaa’oota adda dure wareegaman kana. Kanaafu; ammas tarkaanfachiiftoota ilaalcha jijjiirama ajeessuun jijjiirama gufachisuun akka hindandaahamne huubatamu qabaa. Qabsaahaan ni du’aa malee ilaalchi jijjiirama ummata keessa nam’e hindu’u.             


Back to Front Page