Back to Front Page


Share This Article!
Share
Qaamaan fagoo, lubbuun dhiyoo

Qaamaan fagoo, lubbuun dhiyoo

Ibsaa Namarraa 08-05-18

Itiyoophiyaantoonni miliyoonnaan lakkaahaman waggootan darban afuurtama keessa biyya isaanirra godaananiru. Sababni goddaanniisa kanaa dhimma siyaasaa fi dinagdee dhaa. Dhuma baroota 1960 irraa eegale Itiyoophiyaantoonni heeddu dhibbaa mirga namooma hamma du’a gahuu jalaa miliquuf biyyaa baqataniru. Waggootan darban digdamiitorba keessa mirgi ilaalcha heera mootummaan kabajamulle, dirreen siyyaasaa dhiphoo waan ta’eef; akkasuums namoonni sochii siyaasaa waliin walqabate yakkaan himatamaa adabbiin waan itti muraahuuf kanarraa dheessuuf namoonni heeddu biyyaa bahaniiru.

sababa dingdeetin kan biyyaa godaananiis bay’ee dhaa. Rakkoo dhabiinsa hojii biyyatti keessa babal’aterraa dheessuuf; jiruu fooyya’aa argachuuf jeecha Itiyoophiyaantoonni miliyoonaan lakkaahaman biyya isaaniirraa godaananiru. Ammas yoo ta’e, carraan argamnaan, keessttu dargaggoonni marti biyyaa bahuuf qaphaahaa dhaa. Yeroo dhiyoo as biyyaa bahuun adaa ta’e jiraa.

Eegaa; Itiyoophiyaantoonni sababa dhibbaa siyaasaaniis ta’e jiru foyya’aa argachuuf biyyaa bahan, qaamaan biyya isaan irraa fagaatanille lubbuun isaanii biyyaa hinbahu.  Haariiroon maatii fi firoowwan dhiyoo fi fagoo isaan waliin qaban adda hincitu. Baay’een isaanii maatii isaani maallaqaan gargaaru. Abbaaf haadha isaanii daaw’annaaf gara biyya itti argaman fudhatu. Isaaniis gara biyya dhaloota isaanitti dhufanii fira dhioo fi fagoo gaafatu.

Walhidhinsi daayaasporaan Itiyoophiyaa maatii isaan waaliin qaban biyyattiif faayidaa dinagdee busaa ture. Itiyoophiyaan lammiilee fi dhalattoota ishee biyya alaa jiraatan, maallaqa maatii isaaniif ergan irraa waggaa dhaan sharafa biyya alaa haamma doolaar biliyoon 4 akka argattu ragaan nimul’isaa. Sharafni biiyya alaa kun sharafa daldala aalarra argamurraa caalmaa guddaa qabaa. Galiin sharafa daldala aalarraa  argammu biliyoon 2 irraa bay’ee hinsiqu.

Videos From Around The World

Miseensoonni hawaasa dayaaspooraa Itiyoophiyaa gareen isaanii sababa polotikaatiin kan biyyaa bahan waan ta’eef, biyyoota ittiin jiraatan keessa dhimma siyaasa biyyatti irratti dammaqinaan socha’u. Warreen kun dhaaba siyaasa fi waldaalee hawaasummaa ijaarratanii, dhimma siyaasa Itiyoophiyaa irratti hirmaachaa turan. Dhaabbattoota siyaasaa Ameerikaa fi Awrooppaa keessa sochoo’an dabalatee, biyya ollaatti boosana lixanii qabsoo hidhannoo kan adeemsisaa turan jiraachuun isaaniis beekamaa dhaa. Sochii moormii dargaggoota (qeerroo) keessattu Oromiyaatti bara 2008 irraa eegale adeemsifame keessa hirmaannaan tarkaanfachiftoota siyaasaa dayaaspooraa guddaa akka ta’ees nibeekamaa.

Itiyoophiyaantoota fi dhalattoota Itiyoophiyaa kallattiin sochii siyaasaa godhan aala, dayaaspooraan Ityiyoophiyaa heeddu akkaataa ilaalcha isaanitiin gareewwan siyaasaa biyya aala socho’aniif deeggarsa godhu. Hiriira balaaleeffannaa, walgahii ummataa fi kkf irratti hirmaachaa sochii moormii nijajjabeessu, maallaqqaaniis grgaarsa keennuu.

Murtiin siyyaasaa biyya keessa darbuu fi haalli siyaasaa biyya keessaa, akkuuma Ameerikaa ykn Awrooppaa keessa raawwatameetti xiyyeeffannoo ddyaaspooraa guddaa argachaa ture. Haala kanaan sochiin siyaasaa dayaaspooraa, sochii siyaasaa biyya keessarraa dhibbaa guddaa gochaa ture. Midiyooleen moormitoota biyya aala argaman, sagaleen moormii biyya keessaa kan itti dhagaahamu ta’aa turuun isaanis nibekamaa.

Eegaa; shoorri daysporaan Itiyoophiyaa dinagdee fi siyaasaa biyyattiirra qabu guddaa waan ta’eef, akka qaama biyya irraa fagaatetti  fudhachuun hindndaahamne. Waggootan darban digdama keessa dayaasporaan Itiyoophiyaa dhimma biyya isarratti dammaqqiinaan akka hirmaatu carraaqqiin godhamaa ture. Ta’ulle bu’aa qabatamaa rgamsisuun hindandaahamne. Kun kan ta’e, biyyatti keessa tarkaanfiin foyya’insa haal siyaasaa qabatamaa, araarri fi waligalteen biyyoolleessaa osoo hinfudhatamini hawaasa dayaaspooraa dhiyeessuuf waan yaalamefi.

Walumagalatti; dayaaspooraan Itiyoophiyaa qaamaan biyya isarraa fagaatulle, siyaasaa fi dingade biyyattiirratti dammaqinaan waan hirmaatuuf, misooma fi nageenya biyyatti keessa shoora murteessaa qabaa. Dayaaspooraa Itiyoophiyaa gara qarreetti dhibu dhaan, misooma biyyatti akka barbaadamutti si’eessuun hindandaahamu. Nagaa amnsisaa busuniis hindndaahamu.

Ministeerri mummee Dr Abiy Ahimad gara angoo dhufu isaan aane, dhimma dayaaspooraaf xiyyeeffannoo kan keennanii kanaafi. Ministeerri mummee dhiyoo kan Amirikaa kaabaatti daaw’annaa godhuu  kan barbaadaniis dayaaspooraan Itiyoophiyaa hedduu biyya kan keessa waan jiraatanifi. Ministeerri mummee daawwa’annaa magaaloota Ameerikaa kaabaa  sadii – Waashingtan DC, Loos Anjilas fi Minisootaa keessa godhaniin, haawaasaa dayaaspooraa waliin mari’ataniru. Paartilee siyaasaa mormitoota biyya aala sochoo’an waliinis mari’ataniru. Midiyoolee dhimma Itiyoophiyaa irratti fulleeffatanii hojjataniif ibsaa gaazeexaa keennaniiru. Miseensoota haawaasaa dayaaspooraa kuma kurnaniin lakkaahamanif dhaamsa dabarsaniiru.

Daaw’annaa miniisteerri mummee Ameerikaa Kaabbaatti raawwatan, ilaalcha mufannaa haawaasa dayaaspooraa gutumaan guttuttu kan jijjiree fi seena qabeessaa ture. Dayaaspooraan kanaan duura hoogantoonni mootummoota feedraalwaas ta’e naannoolee yammuu hojiif gara Ameerikaatti imalan moormii haadhawaa fi miira jibba ibsachaa hojii dipploomasii rakkiisaa godhee turuun isaa nibeekamaa. Amma garuu, jila Dr Abiyyiin durfamu miira gammacchuu o’aatiin simate. Kun seenaa dayaaspoora Itiyoophiyaa keessa wanta haaraa dhaa. Kun kan ta’e adeemsa dhiifama, araara fi ida’amaa ministeerri mummee Dr Abiy hordoofanini. Ministeerri mummee Dr Abiy haawaasa dayaaspooraaf waamicha qoofa miti kan dabarsan, dhifamasa godhaniiru; tarkaanfii dirree siyaasaa biyyatti bal’isuus fudhataniru.

Haawaasni dayaaspoora Itiyoophiyaa, ministeera mummee Dr Abiy qaamaan argate walmari’ate, biyya isaa lubbuu  keessa baasuu hindandeenye maallaqaan, beekuumsaan, invastimantiin . . . gargaaruuf waadaa seneera. Tarkaanfachiftoonni siyaasaa kanaan duura mootummaa Itiyoophiyaa mormaa turan, maallaqa gargaarsa lammii isaaniif olu sassaabuuf waadaa seenaniru. Dhaabbattoonni siyaasaa moormii hanga qabsoo hidhannootti adeemsisaa turan, amma gara biyyatti deebi’anii hirmaannaa siyaasaa nagaa godhoof murteessu isaanii ibsaniiru.

Walumagalatti; dayaaspooraan qaamaan biyya isarraa fagaatulle Itiyoophiyaa  lubbuu isaa keessa baasu hindandeenyee. Hawaasni dayaaspoora kun amma huumna misooma dinagdee fi hawaasaa, dipploomaasii biyyatti ta’e jiraa. Boqoonna muufannaa fi waljibbaa kanaan dura ture cuufee, Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaantoota waliin ida’ame booqanna haaraa banee jiraa.

  

 


Back to Front Page