Back to Front Page


Share This Article!
Share
Nageenya malee hintolu

Nageenya malee hintolu

Ibsaa Namarraa 09-04-18

Qabsoon ummataa tarsimmoo fi tooftaan haala gurmaayeen yoo qajeelfame malee bu’aan inni busu faallaa feedhii ummata ta’u dandahaa. Seenaan aduunyaa dhugaa kanaaf raga bahaa. Ummanni Soriyaa waggootan toorba duura sirna mootummaa abbaa irree Al Asaad diguuf qabsoo fininsee ture. Qabsoon ummataa kun garuu sirnicha diguu hindandeenye. Diguu dadhabu qoofa osoo hinta’ini gareewwan hidhattoota sirna falmatan heedduun akka hooran taassiisee jira. Gareewwan hidhattootaa xixiiqqoon kun, mootummoota biyyoota lixa ilaalcha siyyaassan mootummaa Al Asaad jibaniin gargaarsa qawwee argachaa kalatti gara garaatiin sirnicha irratti waraana banan. Waraanni kallatti gara garaan mootummaa Al Asaad irratti banaman kun, huumna mootummaa laaffiisaa adeeme. Yeroo huumni mootummaa laafu, gareen Islaamummaa Iraaq keessa uumame gara Sooriyaatti lixee lafa qabatee, maqaa Mootummaa Islaamaa Iraaqi fi Sooriyaa (Islaamic State of Iraq and Syria/ISIS) jedhuun socho’u jalqabe. Kanaan booda ummanni Sooriyaa gaaffii mirga qabsoof isa kakkaasee argachuu dhabuu qoofa osoo hinta’ini, jiruu dur keessa turelle dhabee beelaaf, du’aaf, kolagaltummaaf . . . saaxilame. Haala kanaan Sooriyaan lafa namni ittiin jiraatu osoo hinta’ini dirree waraana taate hafte.

Biyyattiin Afriikaa kaabaa Libiyaaniis rakkoo walfakkaattu keessa lixxee jirti. Ummanni Libiyaa sirna abbaa irree Mu’umar Al Gaadafii diguuf fincilee ture. Mootummoonni biyyoota lixaas, Gaadaafii waan jibbaniif, maqaa qabsoo ummata deegaruun xiyaaraani fi misaa’ilaan biyyatti haaleeluu jalqaban. Qabsoon ummata Libiyaa, haalleellaa biyyoota lixaatiin dabaalame sirnicha mancaase. Gaadaafiniis garee qabsaa’otaan qabame ajjeefame. Kufaatiin Gaadaafi garuu ummata Libiyaaf sirna deemookraatawaa hinfidne. Cufaa; gareewwaan hidhattoota sirna Gaadaafii qabsaahuuf ijaarama,n lafa ofii isaanii qabatnii alsirnummaan ol’antummaa argate biyyatiin unkuramu jalqabde. Alsirnummaan kun, ummanni Libiyaa haal jiruu gadi, du’aa ol keessa akka jiraatu taassiisee. Haalli kun ammas hinjijjiiramne..

Jalqaba irratti qabsoon ummataa tarsimmoo fi tooftaan haal gurmaayeen qajeelfamu yoo dhabe, bu’aan isaa faallaa feedhii ummataa ta’u dandahaa kanan jeedhee dhugaa qabatamaa armaan olitti tuqame irraa ka’u dhaani.

Itiyoophiyaa keessa jalqaba bara 2008 irraa kaasee iddoo gara garaa, keessttu Oromiyaa keessa moormiin ummataa admsifamu jalqabuun isaa niyaadatamaa. Moormii ummata kana kan kakkaase; dhabiinsa bulchinsa gaarii, dhiphiina dirree siyaasaa, saamicha qabeenya ummataa fi mootummaa, dhabiinsa qoqqooddii qabeenya madaalawaa fi kkf ture. Mormiin ummataa kun babl’ate biyyatti maraan gahee ture.

Videos From Around The World

Yeroo kana, dhaabbanni biyya bulchu ADWUIn gaaffiilee ummtaaf deebii laachuun wanta haabulu jeedhamu akka hintaane hubate. ADWUIn komiin ummata qabsoof kakkaasee sirrii ta’u isaa ibsee, ummata dhiifama gaafate. Keessa issaa gadii fageenyaan qooratee foyya’uuf sagantaa haaroomsa gadii fageenya qopheefatee of haaroomsu jalqabe; Caamsa bara 2008 irratti.

Sochii haaroomsa gadii fageenyaan jalqabamee kanaan ji’ootan muraasaa booda, dhaabbanni Oromiyaa bulchu DhDUOni fi mootummaan naannichaa tarkaanfiilee qabatamaa haaroomsaa fudhachu jalqaban. Tarkaanfii kanaan hooggansi haaroomsaa gara angootti dhufe. Kun bubbuulee gara naannoolee biroo fi mootummaa feedaraalawaattiis babal’achu jalqabe.

Tarkaanfii haaroomsaa gaaffii ummata deebisuu kaayyeefate kun, mootummaa feedralaawaa keessa sadrkaa kaabiineen adeemsifamaa turee, Guraandhala bara 2010 irratti ministeerri mummee H/maariyaam Dasaalany feedhii isaanitiin angoo akka gadhiisan dhibbaa godhe. Kanaan booda hoogansii jijjirraa Dr Abiy Ahimadin durfamu gara angootti dhufe. Osoo hooggansii jijjiirraa kun gara angootti dhfe gaaffii ummataa qabatamaan deebisuu jalqabu baate, qabsoon ummataa haala hingurmoofneen, tarsimmoo fi tooftaa aala adeemsifamaa ture, mootummaa digee biyyattiin akka Sooriyaa fi Libiyaa alsirnummaa keessa akka lixxuu taassiisuun isaa waan hin’olu ture.

Hooggansi jijjiirra gara angootti dhufe, keessttu tarkaanfii dirree siyaasaa bal’isu fi dhabiinsa kabaja mirga namoomaa maqaa biyyatti xureessee ture foyyeessu fudhachu jalqabe. Kanneen keessa tarkaanfiileen dirree siyaasaa bal’isu fi waligalte biyyoolleessaa umuuf fudhtaman ijoo dha. Jalqabarraa lammillee sababa siyaasaatiin adabni ittiin murtaayee hidhamani fi hiimanna irra argaman dhiifamaan akka gadhiifaman godhame. Mirga nammooma fooyyeessuu ilaalchisee, keessttu mana sirreessaa fi iddoo qooranni yakka ittiin adeemsifamu keessa tarkaanfiileen qabatamaa fudhatamani jiru. 

Tarkaanfiin dirree siyaasaa bal’isuuf fudhataman keessa, waamicha qaamoota biyya aalaa soochii siyaasaa keessa turan, qabsoo hidhannoo kan gaggeessaa turan dabalate gara biyyatti deebi’ani soochi siyaasaa nageenya keessa akka hirmaatan godhame isa ijoo dha. Akkaataa waamicha kanaan jaarmiyooleen, aktivistoonni fi namoonni bekamoon gara biyyatti galanii jiru.

Jalqabarra kan gara biyytti deebi’e, duraanuu waamicha sochii siyaasaa nageenya kan dhiyeessaa ture Adda Deemookraatawaa Oromoo (ADO) dha. ADOn jaarmiyaa qabsaahoota angaafa bilisummaa Oromoon kan hooganamu dha. Itti aanee, jaarmiyaan Jeenaraal Kamaal galchuun durfamu Adda Tokkummaa Biliisummaa Ormoo, akkasuumas qabsaahoonni kan biroo gara biyyattitti galani.

Jaarmiyooleen Adda Biliisummaa Oromoo (ABO), Adda Biliisummaa Sabummaa Ogadeen (ABSO) fi Ginboot 7 akkaataa seera farra shororkeessuummaa, shororkeessuummaan mooggaafamanii turan mooggaasni kun akka irraa haqamu godhame. Kana malees; akkaataa labsii barraarummaa foyya’e ragaaheen gareewwan gara garaaf barraarri keenname.  

Akkaataa kanaan ABO obboo Daawud Ibsaan duurfamu waliin mariin godhame, gara biyyatti akka deebi’u waligalte irratti gahame. Haaluma kanaan Ginboot 7, Soochii Biliisummaa Amaaraa, Sochii Demookraatawaa Ummata Tigraay, waliiniis mariin taassiifame gara biyyatti deebi’ani sochii siyaasaa nagayaa irratti akka hirmaatan waligale irratti gahame jiraa. Haaluma kanaan jiilli ABO tokko hidhattoota muraasaa waliin gara biyyatti galee jiraa. Dursaan jiila kanaa obbo Ibsa Nagawoo, dura taa’aan ABO Obbo Daawuud Ibsaa dhiyoo kana gara biyyatti akka galan ibsaniru. ABOn soochii siyaasaa  nageenya jalqabu isaas dhageenye jirraa. Tibbana ABOn Koongreesii Feedaraalawaa Oromoo Dr Mararaa Guddinaan durfamu waliin hojjachuuf marii jalqabu isaa hoogansi ABO Obbo Ibsaa Nagawoo midiyaaf ibsaniru.

Hooggantoonni fi qabsaahoonni Ginboot 7tis gara biyyatti deebi’aa akka jiran dhageenyerra, Hoggantoonni ol’aanoo dhaabbatichaas dhiyoo kan gara biyyatti nigalu jeedhame eggamaa. Namoonni beekamoo ilaalcha siyaasaa isaaniitiin biyyaa baqaatan, akktiviistoonni siyaasaa, gaazeexeessiitoonni fi kkf gara biyyatti galaa jiru.

Trkaanfiileen dirree siyaasaa bal’isuu fi haala mirga namooma fooyyeessuuf fudhataman kun ummata keessa abdii horanii jiru. Tarkaanfiileen bu’a qabeessaa dhimmoota siyaasaa irratti fudataman, gaafiilee dinagde irrattiis tarkaanfiileen bu’a qabeessaa akka fudhataman mul’isanii jiru. Kun ammo abdii ummata lelliisee jiraa.

Yaata’u malee, ammas darbee darbee walitti-bu’insi fi jeequumsi mudachaa jiraa. Gareewwan maqaa qeerrootin socho’an lammiilee irratti haala sukkanneessaan ajjeechaa raawwachaa jiru. Namoonni murtee girriisaan balleessaan isaani osoo hinqulqullaahin haala sukkanneessaan ajjeefamaa jiru. Weerrarri lafaa, ijaarsi seeraan aala, saamichi qabeenya, guufachisni geejibaa fi kkf raawwatamaa jiraa. Gara tokkoon; waayee araara, jaalala, ida’amaa haasahaa; gara biraatiin haala kanaan duura biyyatti keessa argamee hinbeekneen jibbi sabummaa holoolamaa jiraa; gochaaniis ibsamaa jiraa.

Dhibbaan mirga namoota irratti raawatamaa jiru, saamichi qabeenya kun osoo hinbabal’atini ittisamu qabaa. Kun ta’u baannaan, gara goocha yakka gurmaayeetti guddachuun isaa waan hin’ollle. Keessttu; qabsaahoonni hidhanoo waliin gara biyyttitti deebi’an waliin walqabatee, gareewwan hidhannoon dantaa isaaniif sochoo’an uumee, biyyttiin akka Soriyaa fi Libiyaa alsirnummaan akka hinmancaane eggannoo gochuun absaalummaa dha.

Waluma galatti; biyyatti keessa nageenya fi ol’antummaa seeraa mirkaneesuun kan hindandaahamu taanaan; mul’ataan misoomaan jirruu lammiilee foyyeessuun, mirga namooma kabajsisuun, sirna deemookraasii ijaaruun . . . abjuu ta’e hafuun isaa waan hin’olle. Kanaafu; ummanni, keessttu dargaggoonni wanti marti nageenya malee akka hintoolle hubatanii nageenya biyya isaanii tikfachuuf ka’u qabu.


Back to Front Page