|
Ibsaa Namarraa 08-27-18 Ministeerri mummee Dr Abiy Ahimed Hagayya 19, bara 2010 gaazeexeesiitoota biyyaa fi biyya alaaf ibsaa keennaniru. Ibsaa gaazeexaa kana irratti gaazeexeessiitoonni 15l ol hirmaataniru. Gaaffiiwwan gaazeexeessiitootaan dhiyaatan keessa inni ijoo ol’aantummaa seeraa kan ilaalu dha. Dhimmi kun yeroo amma dhimma ijoo waan ta’eef, deebii ministeerri mummeen keenname haala qabatamaa biyyatti keessa jiruu waliin walsimsuun bal’inaan haa’illaallu. Walitti-bu’insa iddoowwan tokko tokko irratti mudate irraa ka’u dhaan, gaazeexeessiitoonni ol’antummaa seeraa kabajsisu irratti rakkoon nimul’ata jeedhanii ministeera mummeef gaaffii kaasanii turan. Ministeerri mummee ol’aantummaan seeraa wanta falmiif dhiyaachu akka hintaane ibsaniru. Yaata’u malee akka yeroo jijjirama kanaan duura biyyatti keessa adeemsifaman irratti godhamaa ture, wantoota jijjiiramaa waliin faallaa dha jeedhaman yaadaman mara cabsuuf ka’uun sirrii akka hintaane hubatamu isaa ibsaniru. Ministeerri mummee kanaan duura shakkamtoota yakkaa jumlaa dhaan hidhu dhaan, keessaa calalanii, warreen qulqullu ta’anii argaman dhifama gaafachuun gadhifamaa turu isaani yaadatanii, amma duraan qulqulleessinee yakkamtoota qoofa too’anna jala olchuun filatamaa ta’e argamu isaa ibsaniru. Adeemsi kun ammo, yakkamtoota mana murteetti dhiyeessuun yeroo dheeraa akka fudhatu taassiisu isaas ibsaniru. Egaa; Itiyoophiyaantoonni marti akka hubatanitti, ji’ootan darban muraasaa keessa Finfinnee dabalate iddoowwan gara garaa biyyatti keessa yakkoonni idle hintaane raawwatamaa turan. Waxabajji 16, bara 2010 hiiriira ministeera mummee Dr Abiyiif galata galchuu fi beekkamtii keennuuf Addababayii Masqalatti adeemsifame irratti ummata hiiriiraaf bayee giddu boombiin dhooyee namoonni lama yamuu lubbuu dhaban, namoonni ibbaan lakkaahaman madaahuun isaanii niyaadatamaa. Adooleessa 19, bara 2010 irratti Addababayii Masaqalatti hojii gaggeessaan proojaktii hidha haaroomsa guddicha Itiyoophiyaa I/r Simmanyaw Baqqala konkoolaataa isaan keessa ajeefamanii argamamuun isaanis niyaadatamaa. Iddoowwan gara garaa biyyatti keessa walitti-bu’insoonni dhabiinsa lubbuu fi buqqahinsa jiruuf sababa ta’an mudataniru. Walitti-bu’insa dangaa Oromiyaa fi naannoo ummattoota kibbaa irratti, keessattu goddina Gujii fi Geede’o irratti mudateen namoonni heeddu lubbuu isaani dhabaniru. Namoonni miliyoona tokko ta’an jiru isaan irraa bu’qqaahaniru. Walitti-bu’insi dangaa Oromiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa giddu uumame turees hindhaabbanne. Tibbana haalleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni 40 ajjeefamaniru. Naannoo Amaaraa keessas lammiileen enyummaa saba isaanitin qoofa addaan bahanii ajjeefamniru. Naannoo’uma kana keessa, gara kaabaatti konkoolaattoonni midhaan fee’ani sochoo’an irratti saamichi raawwatamaa jiruun isaas nibekamaa. Konkolaattoonni midhaan fee’ani gara naannoo Tigraayitti imalan, iamala isaani gufachiisuuf yaaliin godhamaa jiraachuun isaas ifaa dhaa. Oromiyaa goddina Arsii lixaa magaala Shaashamannee sirna simannaa aktivistii siyaasaa Jaawaar Mahaammadiif qophaaye irratti dargaggoon tokko sababa boombii qabateera jeechuun haala sukkanneessaan addababayii irratti ajeefamuun isaan niyaaydatamaa.
Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa keessas wanti sukkaneessaa raawwatamera. Torbaan sadii duura magaala guddiitti naannichaa Jigjgaa fi magaaloota biroo keessa namoonni lakkoofsi isaanii hammam akka ta’e hanga ammaa hinibsane enyummaa sabaa fi amantaa isaanitiin addaan bahanii ajjeefamaniru. Nmoonni kumaan lakkaahaman jiruu isaan irraa buqqaahaniru. Manneen amantaa kiristaanoota ortoodooksii sagal gubataniru; abbootiin amantaas ajjeefamniru. Haaluma kanaan Oromiyaa keessa qeerroon jijjiirama siyaasa amma biyyatti keessa dhufee irratti shooora ol’aanaa qaban keessa, muraasaan isaanii ol’antummaa seeraa cabsanii soch’aa jiraachcuun isaanii mirkanaayeera. Miseensoonni qeerroo muraasaa; weerara lafaa, invastaroota buqqiisuu, keellaa ofii dhaabanii soochii geejiba gufachiisuu, raawwi hoojii mootummaa keessa haarka galchuu, hoogantoota bulchinsa goddinoota fi aanoolee soodaachisuu fi haaleelu . . . kkf raawwachuun isaanii mirkanaayeera. Ibsaa gaazeexaa ministeerri mummee haagayya 19, bara 2010 keennan irratti gaazeexeessoonni gaaffii ol’antummaa seeraa akka kaasan kan godhe dhugaa lafa jiru armaan olitti ibsame dha. Ministeerri mummee ibsaa ol’antummaa seeraa ilaalchise keennannin; ummanni dirqama seera kabajee jiraachuu akka qabu; mootummaaniis dirqama seera kabajsiisu akka qabu kaasaniru. Kun ta’u baannaan alsirnummaan ol’antummaa argachuun isaa waan hin’lle. Mirgi fi bilisummaan nama tokko, mirga fi bilisummaa nama kan biraatiin kan daangeefame dha. Fayyadamuummaan mirga fi bilisummaa nama tokko, haala kamiyyuunu mirga nama biraa tuqu hinqabu. Dangaan mirga fi bilisummaa namaa kana qoofa. Dangaan bilisummaa fi mirgaa kun seeraan kabajama. Mootummaan seera kana kabajsisu dhaan mirgoota fi bilisummaa namoota mirkaneessaa. Namni kamiyyuu seera kana kabajuun irraa egamaa. Egaa; dhiyoo kana namoonni seera digaa mirga namoota tuqaa jiru. Mootummaaniis seera kabajsisu irratti dadhabina agarsiisuun isaa ifaa dha.. Badiinsa ol’antummaa seeraa jeechuuniis kanuma. Ol’aantummaan seeraa kabajamu dhabnaan biyyi nidigamti. Ministeerri mummee Dr Abiy ol’antummaan seeraa wanta falmiif dhiyaachu miti kan jeedhani, ol’antummaan seeraa bu’uura jiruu biyya ta’u isaa ibsuf ta’un isaa hubatamu qabaa. Amma, dhimmi guddaa biyyatti keessa ol’antummaa seera kabajsisuuf maaltu raawwatamaa jiraa kan jeedhu dha. Rakkoo alseerummaa haamaa naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa keessa mudate furuuf, haala hanga amma jiruun tarkaanfileen siyaasaa fudhatamniru. Preezidaantiin mootummaa naannoo fi dura taa’aan paartii naannicha bulchu - Paartii Deemookraatawaa Sumaale Itiyoophiyaa (PDSI) Obbo Abdii Umar feedhii isaantiin angoo gadhisaniru. Hoogantoonni kan biroo yakka raawwatame keessa haarki isaani jiraa jeedhamani shakkamniis hooggansummaa paartii irraa akka ka’an taassiifamera. Gama ol’antummaa seera kabajsisun; raayyaan ittiisa biyyaa, poliisiin feedaraalawaa fi humni nageenya naannichaa qindaahanii nagaa fi tasgabbii kabajsisaa jiru. Amma naannoo Sumaale Itiyoophiyaa keessa nagaa fi tasgabbiin bu’e jiraa. Nageenyi fi tasgabbiin tarkaanfiilee ol’antummaa seera kabajsisuu fudhachuuf bu’uura. Kana malees; bakkabu’oonni haawaasa gara garaa jiraattootta naannoo Sumaale Itiyoophiyaa _ jaarsooleen biyyaa, dursoonni gosoota, ugaazoonni, abbootiin amantaa, bakka bu’oonni dubartootaa fi dargaggoota rakkoo naannicha keesa mudate ilaalchisee ministeera mummee Dr Abiy Ahimad waliin Finfinneetti mari’ataniru. Bakkabu’oonni marii kana irratti hirmaatan, rakkoo bulchinsa gaarii fi dhabinsa kabaja mirga namoomaa naannoo isaan keessa ture ibsaniru. Rakkooleen ummata naannicha kun sirraahu akka qaban, akkasumas warreen goocha yakka sukkanneessa tibana rawwatame keesa haarki isaani jira jeedhamanii shakkaman seeraaf akka dhiyaatan gaafataniru. Hirmaattoonno marichaa goocha sukkannessaa lammiilee dhalattoota naannoo biroo fi namoota amntii adda ta’e hordoofan irratti raawwatame balaaleeffatanii; wanti akkanaa naannoo isaan keessa lammata akka hinraawwatamne waadaa seenaniru. Tarkaanfiin siyaasaa naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa keessa fudhtaman armaan olitti tuqaman kun, ol’antummaa seeraa kabajsisuuf bu’uura. Itti anne namoonni yakkaan shakkaman seeratti nidhiyaatu jeedhameet eggamaa. Ministeerri mummee Dr Abiy ibsa gaazeexaa irratti akka jeedhanitti, hoogantoonni nannichaa yakkaan shakkaman seeraan nigaafatamu. Gara biraatin, Oromiyaa keessa nammoonni maqaaa qeerrootin sochoo’aa lubbuu namoota balleessan, weerara lafaa raawwatan, ijaarsa seeraan ala raawwatan, hojii mootummaa keessa haarka galfatan, invastaroota haari’an fi kkf too’anna jala olaa jiru. Ragaan akka mul’isutti, haanga ammaa namoonni ibba shan ol t’an too’anna jala olaniru. Tarkaanfiin shakkamtoota yakkaa too’ana jala olchuun kun ol’antummaa seeraa bakka jiruutti deebisaa jiraa. Haalli kun amoo ummata irratti abdii nageenya horaa jiraa. Tarkaanfiin ol’antummaa seera kabajsisuun kun cimee itti fufu qabaa. Naannoo Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Kibbaa keessas goocha yakkaa raawwatame waliin walqabate, shakkamtoonni ibba 3 too’ana jala olaniiru. Shakkamtoonni dhoohiinsa boombii Addababayii Masqalaas too’nna jala olnii mana murteetti dhiyaachaa jiru. Garuu ajjeechaa I/r Simmanyaw waliin walqabate hanga ammaa wanti ifaa ta’e hinjiru. Ibsaa gaazeexaa ministeerri mummee tibbana keennan irratti, dhimma I/r Simmanyaw ilaalchisee dhiyoo kana ragoleen ummataaf ifaa akka godhaman eraniru. Walumagalatti dhamaatiin ol’antummaa seera kabajsisuuf godhamaa jiraan jajjabeessaa dha. Haala naannoo birootti raawwatameen walfakkaatun, naannoo Amaaraattiis tarkaanfii girriisaatiin nammoonni ajeefamuun isaanii ifaa dha. Gochi karaa chufuu, fi daldala gufachisuus raawwatamaa jiraa, Yaata’u malee naannoo Amaaraatti hanga ammaa tarkaanfiin ifaa ta’e fudhatamaa hinjiru. Hoogantoonni naannichaa ol’aantummaan seeraa wanta falmiif dhiyaatu akka hintaane qabatamaan mu’lisuun irraa egamaa. Hooggantoonni naannichaa, bu’aa siyaasaa yerootiif jeecha, ol’antummaa seeraa dabarsanii keennuun, naannicha irratti qoofa osoo hinta’ini biyyatti irratiis balaa kan fidu ta’u isaa hubachu qabu. Waluamgalatti, babl’insi alseerummaa ji’oota muraasaa as biyyatti keessa mul’achaa ture amma furmaata argachaa jiraa. Ummanni seera hinkabajne fi mootummaan seera kabajsisuu hindandeenye alsirnummaa uumu dhaan biyya balleessuun isaa waan hi’olle. Kanaafu; ummani alseerummaan gad’antummaa ta’u isaa hubatee, tarkaanfilee ol’antummaa seera kabajsisuuf fudhatamaa jiran deegaruun irraa egamaa.
|